Jeremiah 9:26 — Compare Translations

2 translations compared side by side

Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin biyya Misirii, biyya Yihuuda'aa, biyya Eedoomii, biyya Amoonii, biyya Mo'aabiitii worra rifeensa kallacha ufii bita'aa fi mirgaa haadatan ka daangaa lafa gammoojji'ii keessa jiraatan, akkasuma baniin Israa'eliillee worra gara'aan gadooman waan hin taaneef isaan maraa adabbima tokkoon isaan adaba.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
worra Gibxi'ii, worra Yihuda'aa, worra Edoomii, worra Amoonii, worra Mo'aabiitii fi worra rifeensa mataa ifii cinaa quxatu ka goomolee keessa le'u mara hin adaba; gosi biyya adda addaa tun marti haqanqabaa qabataneeran; te'uu malee, isaan martii fi kolbaan Israa'elii martinuu gadhaa tokkochaan haqanqabaa san hin qabanne» jedha.