Jeremiah 9:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami ch'ufti ha jaala ufi ufira eegu, nami tokoleeni oboleesa ufi ind'ugeefatini; wonti akanatiifi oboleesi ch'ufti akuma Yakobo nama sobe, nami ch'ufti jaala ufi arabsa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni maruu daba obboleessa ufii irraa uf haa eeguu; yoma obboleessa ufiillee ta'e hin amanin; ka obboleessa jedhan maruu akka Yaaqoobii sobaa ta'eera; ka jaalallo'o jedhan maruu hiriyyaa ufii maqaa balleessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami marti sobaalessa, jaalli martille hamatticha waan te'eef, obboleessi obboleessa ifii irraa ifi eegatuu ti; jaallille jaala ifii hin addatin.