Jeremiah 9:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Arabi worra aka t'iya nama ijeeftu jira; hojja ch'ufa d'ara dubbata. Nami ch'ufti dubbi dansa nagaya woliini dubbata, ammo garaa ufi keesa t'urura woli kayu malata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Arrabni isaanii hennaa maraa waan dhara dubbatuuf akka eboo bada'aatitti nama woraana; namni maruu jaalalloo ufii afaan jaalalaatiin qaassa, garuu dhossa'aan qolaa jala darba.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Arrabi isaanii akka daaya nama ijjeesuu ti; afaan isaaniille soba dubbata. Isaan nama maratti dubbii dansaa dubbatan; gadhaa ifii keessatti ammoo mala hamaa isaaniif dhowan.