Job 1:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato inni tae dubbatu, nami d'ibiini qonqooni d'ufe waan jed'e, worri gosa Kaldayo, ka duuli worraa fulla sadi yau, d'ufe nu had'e, gaala ch'ufa fud'ate, ana male hojattu tante ch'ufa fit'e. Nami fiige ka oduuni si d'ufe anuma ch'alla.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu inni dubbatee hin findhe ergamaan biraa dhufee, «Kalaadaawoonni bakka sadihitti qoodamanii gaallan irratti balaa buusanii fudhatan; daa'immanillee guraadee qarameen ajjeesan; anuma calla'atu jalaa bayee kana sitti himu'uuf dhufe» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inniin kunille adoo dubbatiisatti jiruu, ergamaan dhibiin dhufee, «Worri Kaldootaa addee saditti qoodamee, dedhuma nu lolee, gaala duudii fudhatee deeme; tajaajiltootalle shallaaga'aan ijjeese; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe.