Job 1:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammalle ree kuma torbatiifi gaala kuma saditiifi karaaba qotiyo ta kuma tokotifi harre d'ibba shanitiifi hojattu heddu muumme inqamne qaba. Akanaani inni worra ilaboru ch'ufa ira dureesa tahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qabeenni isaa hoolota kuma torba, gaallan kuma sadihi, qotilee morma dhibba shanii fi harriin dhaltuu dhibba shan qaba; hojjattoota baay'ee qaba; namni kun namoota gara baya biiftu'uu jiran caalaa nama dureessa guddaa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
hoolee kuma torba, gaala kuma sad, qotiyyoo ximmaadii dhibba shan, harree dhibba shanii fi tajaajiltoota hedduu qabaayyu. Worra gara aduun baatu jiru keessaa dureessi isa gewu hin jiruuyyu.