Job 1:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo jilti suni hobaatu ch'ufa Ayubuni ganama lafaa akae, aka ilmaani isaa ch'ufa qulqulleesu sorio qala. Wonti inni akasi tolchufi, waan ilmaani isaa hegeri garaa keesati Waaqa abaartu fa sehe sodaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyoonni affeerra'aa haga lufaniin maayessa «maal laataa Iyyoob ijoolleen tiyya Rabbiin yakkanii, garaa ufii keessattillee arrabsinnuunii» jedhee nama erga'aa isaan woyyoomsa'aa ture; Iyyoob ganamaan ka'ee akkuma laakkobsa isaaniitiin ciincaa gubamu dhiyeesse; Iyyoob hennaa maraa akkasuma godha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaan areerti'iif wol waamanu dabareen duuba, Iyoob, «Ijoolleen tiyya gadhaa ifii keessatti Waaqa yakkitee, isa arrassiteerti fa'a» jedhee waan yaaduuf, isaan qulqulleessiisaaf ganama ba'aa ka'ee akka laakkossa isaaniititti ciincaa dhikeessaayyu; inni waan kana yennaa mara tolchaayyu.