Job 2:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato fulla isaa ingahiini fagootu argani, fuula wollaalani. Duuba eege, isa hubannaani, laalefatani aka male bohani woya tatarsaasani biyye matati ufi naqani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fagoo dhaabatanii hennaa laalan isaan isa ta'uu hin beenne; haga akka isa ta'e hubatan iyya'aa booyan; marti isaaniituu woyaa uffataniiran uf irraa mulqanii bibbiinxan; mataa ufii irrattillee daaraa firfirsan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan fago'otti Iyoob yennaa dhaggane, isa te'uu isaa hubatuu hin dandeenne; eega hubataneen duuba gaddanee woyaa ifii tatarsaasanee, bukuu mataa ifii irra gara ol-gubba'aa bittinneessanee, qoonqoo guddo'oon bowane.