Job 2:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'eeni, Atini aka hojattuuni tiyya Ayubuni nama d'uga qajeela Waaqa sodaate waan hamtu lagatu agarte? Lafa keesa nami aka isa injiru. Ato atini na sobatte, ka inni woma intahiini akanumati iti na kaaftele, inni akuma kaani na jaalate naa saalfata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Seexanaan «Garbicha kiyya Iyyoobima argitee? lafa irra namni akka isaa qajeelaanii fi ka mudaa hin qabne, ka Rabbiin sodaatu, ka hamaa irraa fagaate hin jiru; isa akka balleessitu maarre akka sii jedhuuf duwwama na kakkaafte kunoo Iyyoob haga adhaa mudaa malee jiraata'aara» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Tajaajilaa kiyya Iyoob hubattee? Biyya lafa irra nami akka isaa tokkolle hin jiru; inni nama komii hin qanne, nama qajeelaa, nama ana Waaqa sodaatuu fi hantuu irraa ka fagaate. Ati akka ani sababa malee isa irratti ka'ee, isa balleessuuf na kakkaatteerta; inni ammoo haga ammaalle addatamummaa ifii eegateera» jedhe.