Job 42:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini, Nami tae qarooma kiyyaani mormu kunini eenu jette? Na gaafate, ka anini ufiftu woma imbeenne. Anini woma imbeenne, waan mama ka dandae waan isii inhubanne dubbad'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka uduu beekkumsa hin qabaatin dubbii kiyya milissu eennu? jetteerta; dhugama waan naa hin galle, waan hin beennee fi waan hubachuu hin dandeenne dubbadheera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati, ‹Beekkumsa malee karoora kiyya ka dhossu eennu?› jetteerta. Dhugumaan ani waan hin hubatin, waan beekiisaaf guddoo maadee natti teete dubbadheera.