Job 42:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma tana koromi torbafi Elemiya torba fuud'a, Ayubutini koota, maro wollaala keesanitifi sorio baasa. Hojattuuni tiyya Ayubuni Waaqa isanii kad'ate duuba anini kad'acha isaa d'agaye, ch'eera isani d'owe, waan sila isani tolchu lakisa. Isani aka Ayubuni waan kiyya d'uga dubbate indubbanne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa amma mirgoolee torbaa fi korbeeyyii hoolotaa torba qabadha'aatii gara garbicha kiyya Iyyoobii dhaqa'aa waan keessaniif ciincaa gubamu dhiyeessaa'a; garbichi kiyya Iyyoob isinii kadhataa, anillee akka ceem'aa keessanii akka isin irratti hin gooneef kadhaa isaa hin dhagaya; akka garbicha kiyya Iyyoobii dubbii qajeelaa waan kiyya waan hin dubbanneef.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf amma korommii torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba fuudha'aatii, gara tajaajilaa kiyya Iyoobii dhaqa'a; achitti kennansa gubamu marroo cubbuu teessaniitiif dhikeeffadha'a; inni isiniif hin daadimata; anille daadimata isaa waan dhage'uuf, akka hujii fokkisiittuu teessaniititti isinitti hin muru; isin akka tajaajilaa kiyya Iyoobii, marroo tiyyaaf waan sirrii te'e hin dubbanne» jedhe.