Joel 2:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi duula isaati mandie, duuli irre qabu, guddaani muumme inqamne, isa ch'aqasa. Guyyaani AABBO Waaqa suni guyya gudda, ka gaargala gudda qabu! Eentu dandae iraa hafa?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi laagaa ufii ka akka laagaa gigissa'aa loltoota dhageessisa; Loltoonni hagam baay'atan! worri ajaja isaa fudhatan laakkobsaa ol; dhugamaan guyyaan Rabbii gudda'a; guddisee waan nama sodaachisuuf guyyaa san eentu danda'ee dhaabata?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa qoonqoo ifii ta akka mandiisu'uu loltoota ifii irratti dhageessisa; loltooti isaa attam attam heddu'u! Worri isaaf ajajamu bandalla'a; dhugumaan guyyaan Mootii Waan Maraa gudda'a; guddoo sodaachisaa waan te'eef, guyyaa san eentu dande'ee dhaabbata?