Joel 2:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini nyaapa awaanisaa, ka mirgaa d'ufe, isani iraa balleese, lafa aloo, ta gogodde woma imbaaneti gussa. Tuuta qara Galaana ilaboruti jisse, ta lameeso baariini ila aduti jissa. Reefi worraleeni ajae shama. Waan worri isani tolche kana ch'ufafi anini worra balleesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Tuuta korophiisaa ka gara kaabaatii isinitti dhufu isin irraa fageessa; gara lafa gammoojji'iitii fi gara lafa onaa isaan ari'a; worra afoo keessan jiran gara galaana du'aa, worra isin duuba jiran gara galaana Meditiraaniyaanii isinii ari'a; achitti reeffi isaanii shamee ajaaya; dhugamaan ani Rabbi waan guddaa isinii godheera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Awwaannisa gara kaabaatii isinitti dhufe isin irraa fageessa; gara goomole'eetii fi gara lafa urmaa isin irraa hin oofa; ka dura yaa'u gara abbaayaa baya adu'uu, ka duuba yaa'u gara abbaayaa seensa adu'uu hin oofa. Achitti reeffi isaanii shamee hin ajowa. Dhugumaan ani Mootiin Waan Maraa waan guddoo isiniif godheera.