Joel 3:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafasi gaareeni mukha zabibu baaftu daad'iini iraa jidde, kubile aanaani iraa lolaani; lagi lafa Yuda ch'ufti iyyaa. Madditi Mana Waaqa keesaa yaate Bale Shitimuti naqati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san gaarran maruu biqiltuu woyini'iitiin guuttaman; tulloota irrattillee horii aannan guddaa bayantu dheeda; laggiin biyya Yihuuda'aa keessatti argaman maruu bisaaniin guuttaman; mana woyyuu Rabbii keessaa burqee dhooqa Shiximii ol guuta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Guyyaa sanitti gaarri duudiin muka woyni'ii hin uffata; kooba irratti loon aanan mirganu hin dhaggaman; lagi Yihudaa keessa jiru duudiin bisaaniin guutama; Galma Waaqaa keessaa bisaan hin burqa; dhooqa muka gololchaa hin obaasa.