John 1:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Jechi nama te'ee, badhaadhaa fi dhuga'aan guutamee, odduu teenna le'e. Nuuti ulfinna inni akka Ilma Abba'aaf tokkochaatitti fudhate dhaggine.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbini nama taate, jiddu teenna teete, nu guddinna isaa agarre, akuma guddinna Ilma tokocha ka gara Abbati bahe, ka eebafi d'ugaani guutame.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dubbiin nama taatee, jiddu teenna teetee, nu guddinna isaa agarre, akkuma guddinna ilma tokkochaa ka gara Abbaattii ba'ee, eebbaa fi dhugaan guutamee.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuun ulfinna isaa argine.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuutitti, ulfinna isaa argine.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dubbiin'llee foon ni ta'e, kennaa bilisaatii fi dhuga'aan'llee guuttamee jidduu keenna ni jiraate, Ilmi Abbaa isaa tokkochi ulfinna inni Abbaa isaa biraa qabu ka fakkaatu, arginee jirra.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jechi nama te'ee, badhaadhaa fi dhuga'aan guutamee, odduu teenna le'e. Nuuti ulfinna inni akka Ilma Abba'aaf tokkochaatitti fudhate dhaggine.