John 1:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yohaannis, “ ‘Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni guddoo na caala’ jedhee ka ani dubbadhe isa” jedhee iyyee dhugaa baye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yohanani isa d'ugeese, qonqo olfud'ate waan jed'e, Kunini ka anini waan isaa dubbad'e waan jed'e, Inni faana tiyya d'ufa, ammo nara gudda; ato anini ind'alatiini inni duru jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoh. aannis isaa dhugeessee, qoonqoo olfudhatee, “Kunin ka anin waan isaa dubbadhee, ‘Innii faana tiyya dhufa, ammoo narra guddaa; adoo anin hindhalatin innii duruu jira’ ” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yohaannis waan isaa ragee laagaa ufii ol fudhatee akkana jedhe. «Ka ana maayessaan dhufu inni waan na dura tureef Inni na caalaa kabajjamaa ta'eera; wonti isaa ka ani jedhellee kana.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yohaannis waan isaa ragee laagaa isaa ol fudhatee akkana jedhe. Kana maayessaan dhufu inni waan na dura tureef. Inni na caalaa kabajjamaa ta'eera. Wonti isaa ka ani jedhellee kana.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yohaannis'llee, «Ka ana duubaan dhufu sun ana duranatti ni jira waan tureef ana haalaan ni caala, ka jedhee isinitti hime kunoo kana» jedha'aa, ragaa ni baye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yohaannis, « ‹Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni guddoo na caala› jedhee ka ani dubbadhe isa» jedhee iyyee dhugaa baye.