John 1:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan, “Ati eennu ree? Ati Elyaasii” jedhanee isa gaafatane. Yohaannis, “Waawwoo ani isaa moti” jedhee deebise. Isaan, “Ati Raagichaa ree” jedhanee gaafatane. Inni, “Waawwoo” jedhee deebise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani, Ati eennu re? jed'ani isa gaafatani. Atini Eliya? Inni waan worraani jed'e, Anini isaaniti. Atini raaga kaani re? Inni waan jed'eeni, Hiyyo!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan, “Ati eennu ree? atin Eliyaasii?” jedhanii isa gaafatan. Innii ammoo, “Anini isaaniti” jedhe. Warrii “Atin raaga kaanii ree?” jennaan, “Hiyyoo!” jedhee deebiseef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan, «Eegasuu ati eennu ree? Ati Eeliyaasii?» jedhanii gaafatan, «Wa'a; ani isaa miti» jedhee deebise. «Ati Raattichaa ree?» Jedhanii gaafatan. Inni ammo, «Wa'a; ani isaa miti» jedhee deebise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu ati eennu ree? Ati Eeliyaasii? jedhanii gaafatan, «Waa ani isaa miti» jedhee deebise. «Ati Raattichaa ree?» Jedhanii gaafatan. Inni ammoo, «Waa ani isaa miti» jedhee deebise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee, «Eegaa ati eennu? Eliyaasi moo?» jechu'uun ni gaafataniin. Inni'llee, «Miti!» jechu'uun, isaanii ni deebise. Isaan'llee, «Ni dhufa nabiyyichi jedhame si'i moo?» jedhaniin. Inni'llee, «Miti!» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan, «Ati eennu ree? Ati Eliyaasii» jedhanee isa gaafatane. Yohaannis, «Waawwoo ani isaa moti» jedhee deebise. Isaan, «Ati Raagichaa ree» jedhanee gaafatane. Inni, «Waawwoo» jedhee deebise.