John 1:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yohaannis deebisee, “Isaayaasiin raagichi akkuma dubbate, ani ‘Qoonqoo nama daandii Goottaan irra ideemu qajeelcha'a’ jedhaa, lafa goomole'ee keessaa iyyuu ti” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'e, Anini qonqo nama lafa alooti iyu, ta kara Aabbo qajeelcha jettu. Aka raagi Isayani duri jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoh. aannis deebisee, “Akkuma raagii isaayaas dubbatee, ‘Anin qoonqoo nama lafa gammoojjiitii iyyuu, ta karaa Aabboo qajeelchaa’ jettu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yohaannisillee deebisee, «Akka raattichi Isaayyaas jedhetti, ‹Karaa Goofta'aa qajeelchaa'a› jedhee lafa udume'ee keessatti laagaan nama iyyuu sun na'a» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yohaannisillee deebisee, «Akka raattichi Isaayyaas jedhetti, ‹Karaa Goofta'aa qajeelchaa'a› jedhee, lafa udume'ee keessatti laagaan nama iyyuu sun na'a» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee, «Akkuma nabiyyichi Isaayaas dubbatetti, ani ‹karaa Goofta'aa qajeelchaa!› jedha'aa, gammoojji'itti qoonqqa nama iyyuuti» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yohaannis deebisee, «Isaayaasiin raagichi akkuma dubbate, ani ‹Qoonqoo nama daandii Goottaan irra ideemu qajeelcha'a› jedhaa, lafa goomole'ee keessaa iyyuu ti» jedhe.