John 1:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Boruyyaa Yohaannis, Yesuus gara isaa dhufuun dhaggee, “Kunoo! Hooleen Waaqaa, ka cubbuu biyya lafaa balleessu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Boriyya Yohanani Yeso gara isa d'ufu jiru arginaani waan jed'e, ilaala, ilme hoola Waaqa, ta daba nama lafa ch'ufa fud'attu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Boriyyaa Yoh. aannis adoo Yesus gara isaa dhufuu jiruu argee, “Laalaa, hoolaa Waaqaa ka cubbuu nama lafaa cufaa fudhatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bariisaa san Yohaannis uduu Yesuus gara isaa dhufu argee akkana jedhe; «Kunoo! Hoolaan Rabbii ka cubbuu adunyaa irraa balleessu kana.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bariisaa san Yohaannis uduu Yesuus gara isaa dhufu argee akkana jedhe; «Kunoo! Hoolaan Rabbii ka cubbuu adunyaa irraa balleessu kana.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa itti aanutti'llee Yohaannis gara isaa yoo dhufu argee akkana ni jedhe, «Kunoo, cubbuu biyya lafaa ka dhabamsiisu Hoolaan Waaqaa kana!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Boruyyaa Yohaannis, Yesuus gara isaa dhufuun dhaggee, «Kunoo! Hooleen Waaqaa, ka cubbuu biyya lafaa balleessu.