John 1:32 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yohaannis, “Ayyaanni Woyyichi akka saphaliisaa ol-gubba'aa gad dhufee isa irra bu'ee hafuun dhagge” jedhee dhugaa baye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle Yohanani d'ugeese waan jed'e, Anini Lubbu ta aka sabaliisa jirtu, ta gubba gadi buute isa gubba teetu arge.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee Yoh. aannis dhugeese, “Anin Hafuura qulqulloo akka sabaliisaa jiru, ka gubbaa gadi bu'ee isa gubbaa ta'uu arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yohaannis akkana jedhee ragaa baye, «Ayyaanni Woyyuun samii irraa akka handari'iititti hennaa bu'ee isa irra taa'u arge» Ayyaannillee isa irra taa'e. Anuu isa hin beenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yohaannisillee akkana jedhee ragaa baye, «Ayyaanni Woyyuun samii irraa akka handari'iititti hennaa bu'ee isarra taa'u arge» Ayyaannillee isarra taa'e. Anuu isa hin beenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aanssee'llee Yohaannis akkana jechu'uun ragaa ni baye, «Hafuurri Qulqulluun akka handari'ii titti sami'ii yoo bu'uu fi isa irra yoo taa'u ni arge,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yohaannis dhugaa bayee, «Ayyaanni Woyyichi akka saphaliisaa ol-gubba'aa gad dhufee isa irra bu'ee hafuun dhaggeera.