John 1:40 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Barattoota dubbii Yohaannis dubbate dhage'anee Yesuus hordofane keessaa tokkochi, Indiryaasii obboleessa Simoon Pheexroosii ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari lamaani suni ka waan Yohanani jed'e, d'agaye Yeso gula yae, toko Andarea, oboleesa Simoni Petro.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jarii lamaan dubbii Yoh. aannis jedhe dhaga'ee Yesus gula ya'e, sunii tokko Indriiyaas, obbooleessa Simoon Phexros.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni, «Kootta'aa laalaa'a!» isaaniin jedhe. Isaan dhaqanii hulee inni jiraatu argan. Guyyaa san isa woliin oolan. Hennaan sun gara sa'aatii kudhaniiti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee, «Kootta'aa laalaa'a!» jedheen. Isaanillee dhaqanii hulee inni jiraatu argan. Guyyaa san isa woliin oolan. Hennaan sun gara sa'aatii kudhaniiti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dubbii Yohaannis dubbate dhagayanii barattoota Yesusiin horddofaniin keessaa tokko, obboleessa Simoon Phexirosii Indriyaasiin ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barattoota dubbii Yohaannis dubbate dhage'anee Yesuus hordofane keessaa tokkochi, Indiryaasii obboleessa Simoon Pheexroosii ti.