John 1:41 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Indiryaas dursee obboleessa ifii Simoon dhaggee, “Masiihii dhaggineerra” jedhee itti hime; “Masiihii” jechuun, “Kiristoos” jechu'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni oboleesa ufi Simoni barbaade waan jed'eeni, Nu Masihi ya agarre (Masihi jechaani Kristo jecha).
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii obbooleesa ufii Simoon barbaadee, “Nu Masiihi ya agarre” jedhee itti hime. (Masiihi jechuun Kiristoo jechuu).
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra waan Yohaannis dubbate dhagayanii Yesuusiin faanaa deeman lamaan keessaa tokko Indiriyaasii obboleessa Simoonii ka Pheexroos jedhame ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra waan Yohaannis dubbate dhagayanii Yesuusiin faanaa deeman lamaan keessaa tokko obboleessa Simoonii ka Pheexroos jedhame Indiriyaas ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Indriyaas jalqaba gara obboleessa isaa gara Simoonii dhaqeeti, «Masihii arganneenii jirra!» jedheen. (Masihii jechuun Kristos jechu'u.)
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Indiryaas dursee obboleessa ifii Simoon dhaggee, «Masiihii dhaggineerra» jedhee itti hime; «Masiihii» jechuun, «Kiristoos» jechu'u.