John 1:45 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Filiphoos Naataanaa'el dhaggee, “Nuuti ka Muuseen kitaaba seeraa keessatti marroo isaa barreesse, ka raagotille marroo isaa barreessane dhaggineeera. Inni nama biyya Naaziretii, Yesuusii ilma Yoseefii ti” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Filiponi Nathanieli arge waan jed'eeni, Nu namicha Musani waan isaa kitaaba Seera keesati t'aafe, ka ammalle raagootileeni kitaaba ufi keesati t'aafte ya agarre. Yeso ilma Yusufu nama Nazareti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Filiphos Naataanaa'eli argee jennaan, “Nu namicha Muuseen waan isaa kitaaba seeraa keessatti barreese, ka ammallee raagootiilleen kitaaba ufii keessatti barreesite ya agarre, innii nama Naazireeti, Yesus ilma Yoseef” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Filiphoosillee akkuma Indiriyaasiitii fi akkuma Pheexroosii nama qachaa Beetasaayida'aati.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Filiphoosillee akkuma Indiriyaasiitii fi akkuma Pheexroosii nama qachaa Beetasayida'aati.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Filiphos Naatinaa'eliin argatee, «Museen kitaaba seeraatiin, nabiyyoonni'llee kitaabban raagaatiin waayee isaa ka barreessaniif arganneenii jira, inni'llee ilma Yooseefii Yesusii Naazireetiiti» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Filiphoos Naataanaa'el dhaggee, «Nuuti ka Muuseen kitaaba seeraa keessatti marroo isaa barreesse, ka raagotille marroo isaa barreessane dhaggineerra. Inni nama biyya Naaziretii, Yesuusii ilma Yoseefii ti» jedheen.