John 1:50 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Yennaa ati muka harru'uu jala jirtuu si dhagge waan ani jedheef dhugeeffataa? Ati waan guddoo kana caaluu hin dhaggita.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Waan anini, Ato atini oda jala teetu si arge jed'eefi d'ugefatta? Waan guddo ta tana ira jirtu agarta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus deebisee, “Waan anin ‘Adoo atin odaa jala teettuu si arge’ jedheef dhugeeffattaa? Waan guddoo tana irra jiraa agartaa” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Naatinaa'el deebisee, «Barsiisaa'a! ati Ilma Rabbiiti! Ati mootii Israa'eliiti!» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Naatinaa'elillee deebisee, «Barsiisaa'a, ati Ilma Rabbiiti! Ati mootii Isiraa'eliiti!» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana ni jedhe, «Ati ka amantte, ‹muka harbbu'uu jala uduu jirttu si argee jira› waan siin jedheef moo? Wonittoota kana caalan mara ufi durana ni argita.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Yennaa ati muka harru'uu jala jirtuu si dhagge waan ani jedheef dhugeeffataa? Ati waan guddoo kana caaluu hin dhaggita» jedhe.