John 1:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni nami martinuu dubbii isaa dhage'ee akka dhugeeffatu, marroo ifa sanii kolba'atti himiisaaf dhufe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan d'uga himu d'ufe, aka ifsa suni d'ugeese nami ch'ufti dubbi isaa gula d'ugefatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii waan dhugaa himuu dhufe, akka ibsee sun dhugeessee namii cuftii dubbii isaa gula dhugeeffatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Martinuu karaa isaatiin akka amananiif waan ifaa ragu'uuf dhufe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Martinuu karaa isaatiin akka amananiif; waan ifaa ragu'uuf dhufe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
ragummaa isaatiin naminni marrinuu akka amanuuf, waayee ifaatiif ragaa ta'ee ni dhufe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni nami martinuu dubbii isaa dhage'ee akka dhugeeffatu, marroo ifa sanii kolba'atti himiisaaf dhufe.