John 10:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tissee adoo hin te'in, ka qaxaramee tissu, hooloti ta isaa waan hin te'iniif, yayyiin dhuttuun yennaa dhagge, inni hoolota lakkisee dheeta; maarre yayyiin buttee hoolota bittanneessiti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami hujii qorani, ka hooliyeeni ta isaa intahiini, yo yaiini d'uftu lakise baqata; yaiini hooliye qabde basiti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii bitamee hojjatu, ka hooliyyeen ta isaa hinta'iin, yo ya'iin dhuftuu lakkiseetti baqata; ya'iin hooliyyee qaqabdeetti bittinneesiti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Tisseen hoolonni ta isaa hin taane qaxaramaan ammo yayyiin hennaa dhufu yoo arge hoolota dhiisee dheessa; yayyiinillee hin fudhata; hoolotallee adda tamsaasa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Tisseen hoolonni ta isaa hin taane qaxaraman ammoo yayyiin hennaa dhufu yoo arge hoolota dhiisee dheessa; yayyiinillee hin fudhata, hoolotallee adda tamsaasa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tisseen mindeeffamaa ta'e hoolonni ta isaa waan hin ta'iniif, yayyiin yoo dhufttu yeroo argutti hoolota dhiisee ni dheessa, yayyiin'llee hoolota irraa fudhatee isaan ni bittinneessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tissee adoo hin te'in, ka qaxaramee tissu, hooloti ta isaa waan hin te'iniif, yayyiin dhuttuun yennaa dhagge, inni hoolota lakkisee dheeta; maarre yayyiin buttee hoolota bittinneessiti.