John 10:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani hoolota dhiibii ta gooree tana keessa hin jirre qaba; ani isaanille fiduu qaba. Isaan qoonqoo tiyya hin dhage'an, gooree takkaa hin te'an, tisseelle tokkocha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini hooliye d'ibi qaba, ta moona tana intahiini; isiile d'ufuuni male; isiini qonqo tiyya ch'aqafte ch'iisa toko taati, tissituleeni toko.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin hooliyyee dhibii ta moonaa tana hinta'iin qaba; isiilleen dhufuu malee; isiin qoonqoo tiyya dhageetteetti ciisa tokko taati, tissituulleen tokko.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani hoolota gooruu kana keessaa hin taane hoolota biraallee hin qaba. Isaanillee ammo as fidu'utu na barbaachisa. Isaan laagaa kiyya hin dhagayan. Tika tokko ta'an, tisseenillee tokko.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani hoolota Gooruu kana keessaa hin taane, hoolota biraallee hin qaba. Isaanillee ammoo as fidutu na irra jira. Isaan laagaa kiyya hin dhagayan. Tika tokko ta'an, tisseenillee tokko.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gobbuu kana keessaa ka hin ta'in hoolota bira'aa ni qaba, isaan'llee fidu'utu narraa mala, isaan'llee qooniqqa kiyya ni dhagayan, gobbuu tokko'llee ni ta'an, tisseen'llee tokko ni ta'a.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani hoolota dhibii ta gooree tana keessa hin jirre qaba; ani isaanille fiduu qaba. Isaan qoonqoo tiyya hin dhage'an, gooree takkaa hin te'an, tisseelle tokkocha.