John 10:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani lubbuu tiyya deebisee fudhatu'uuf dabarsee waan kennuuf, Abbaan na jaalata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro waan kanatifi Abbaani na jaalata, maro anini jireenna kiyya baasuufi aka deebie fud'ad'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan anin lubbuu tiyya deebisee fudhachuuf dabarsee kennuuf, Abbaan kiyya na jaalata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani lubbuu tiyyallee akkasuma deebisee fudhatu'uuf dabarsee waan kennuuf Aabba na jaalata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani lubbuu tiyyallee akkasuma deebisee fudhatu'uuf dabarsee waan kennuuf Aabba na jaalata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Deebi'ee'llee fudhachu'uunii akka danda'u lubbuu kiyya ka kennu waan ta'eef, Waaqinni Abbaan ana ni jaalata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani lubbuu tiyya deebisee fudhatu'uuf dabarsee waan kennuuf, Abbaan na jaalata.