John 10:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani lubbuu tiyya fedha kiyyaan dabarsee kenna malee eennulle narraa hin fudhatu. Ani lubbuu tiyya dabarsee kenniisaa fi deebisee fudhatiisaaf baallii qaba. Ani ajaja kana Abbaa irraa fudhadhe” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami tokoleeni nara imfud'atu, ammo ani ufumaani baasa. Anini jabeenna baasuuni qaba, ammalle ka deebie fud'ad'uuni qaba. D'aamsa kana anini gara Abba kiyyati argad'e jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii tokkolleen narraa hinfudhatu, anumaatti ufumaan baasa malee. Anin jabeenna baasuunii fi ka ammallee deebisee fudhadhuun qaba. Dhaamsa kana anin gara Abbaa kiyyaatti argadhe” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Lubbuu kiyyallee fedha kiyyaan dabarsee kenna malee eennullee na irraa hin fudhatu; jiraachisu'uuf baallii qaba. Akkasuma kaasu'uufillee baallii qaba. Seera kana abbaa kiyya irraa fudhadhe.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Lubbuu kiyyallee fedha kiyyaan dabarsee kenna malee, eennullee na irraa hin fudhatu, jiraachisu'uuf baallii qaba. Akkasuma kaasu'uufillee baallii qaba. Seera kana abbaa kiyya irraa fudhadhe.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Lubbuu kiyya fedhii kiyyaan ni kenna malee, ana irraa ka fudhatuun eennu'llee hin jiru, lubbuu kiyya Kennu'uu fi deebisee'llee fudhachu'uuf aangoo ni qaba, ajaja kana'llee ka fudhadhe Abbaa kiyya irraayyi.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani lubbuu tiyya fedha kiyyaan dabarsee kenna malee eennulle narraa hin fudhatu. Ani lubbuu tiyya dabarsee kenniisaa fi deebisee fudhatiisaaf baallii qaba. Ani ajaja kana Abbaa irraa fudhadhe» jedhe.