John 10:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa san jilti eebba Galma Waaqaa ka haareffamee Yerusaalem keessatti jilfamiisatti jirtiiyyu; yennaan sun ganna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bara d'aamochaa suni guyya jila qaabacha gaafa Mana Waaqa Yerusalemu keesati banani eebisani,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Bara dhaamochaa sun guyyaa jila qaabachaa gaafa mana Waaqaa Yerusaalem keesaatti banaanii eebbisanii,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yerusaalemitti ayyaana mana woyyu'uu haarawoomsu'uutitu jira; hennaan sunillee ganna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yeruusaalemitti ayyaana mana woyyu'uu haarawoomsu'uutitu jira, hennaan sunillee ganna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yerusaalemitti yeroon haareffama Mana Waaqeffanna'aa itti kabajamuu ni gaye, yeroon'llee ganna ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san jilti eebba Galma Waaqaa ka haareffamee Yerusaalem keessatti jilifamiisatti jirtiiyyu; yennaan sun ganna.