John 10:32 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Ani hujii dansaa hedduu Abbaan anatti kenne hujee isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa kamiif dhakka'aan na tumiisaaf barbaaddan?” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Anini yayu huji dansa heddu, ta gara Abba kiyyati baate isani agarsiise; huji tana keesa tamiifi d'akhaani na haatani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus deebisee, “Anin hujjii dansaa hedduu, ta gara Abbaa kiyyaatti dhufte yaayyuu isan garsiise; hujjii tana keessaa tamiif dhakaan na haatani?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus, «Abbaa kiyya irraa hujii mishaa heddu isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa waan hujii kamiitiif dhaga'aan na dhayu'uuf taatan?» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus, «Abbaa kiyya irraa hujii mishaa heddu isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa waan hujii kamiitiif dhaga'aan na dhayu'uuf taatanii?» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Waaqa Abbaa biraa hujiiwwan mishaa baayi'ee isinitti ni muldhise, eegaa, ka ana woqartaniif kanniin keessaa waayee hujii kamiitiif?» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Ani hujii dansaa hedduu Abbaan natti kenne hujee isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa kamiif dhaka'aan na tumiisaaf barbaaddan?» jedhe.