John 10:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni hoolota ifii mara yennaa gad baase, isaaniin dura deema; hoolotille qoonqoo isaa waan beekanuuf isa hordofan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi ta ufi ch'ufa bobbaase, isi dura deeme, hooliyeeni isa gula yaati, waan isiini qonqo isaa beetuufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii ta ufii cufaa bobbaase, isii dura deema, hooliyyeen waan qoonqoo isaa beettuuf isa gula yaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hoolota ufii haga baaseen maayessa isaan afoo deema, hoolonnillee laagaa isaa waan beekaniif isa faana deeman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hoolota ufii haga baaseen maayessa afoo isaanii deema, hoolonnillee laagaa isaa waan beekaniif faana isaa deeman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Hoolota isaa eega yaaseen duubatti'llee, dura dura isaaniitiin ni deema, hoolonni'llee qooniqqa isaa waan beekaniif, isa ni horddofan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni hoolota ifii mara yennaa gad baase, isaaniin dura deema; hoolotille qoonqoo isaa waan beekanuuf isa hordofan.