John 10:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Balbalti ana. Ka anaan seenu hin fayya; ol hin seena, gad hin baya, dheedalle hin dhaggata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini karra. Yo nami naani olseene imbaafama; ammalle seene, gabahe d'eeda argata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin karra. Namii yo naan olseenee inbaafama; ammallee olhinseena, gadiillee inba'a, dheedaallee inargata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Balbalti ana. Ka ana keessaan aseenu yoo jiraate hin fayya; inni hin seena hin bayalle'e hulee itti bobbayullee hin argata
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Balbalti ana. Ka na keessaan aseenu yoo jiraate hin fayya, inni hin seena hin bayalle'e hulee itti bobbayullee hin argata
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Balballi ana, ka karaa kiyyaan aseenu ni fayya, ni aseena, ni baya, bakka oolu'llee ni argata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Balbalti ana. Ka anaan seenu hin fayya; ol hin seena, gad hin baya, dheedalle hin dhaggata.