John 11:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Toomasiin Didimoos jedhamu barattoota dhibi'iin, “Kowaa mee nuutille dhandhee, barsiisaa woliin duunaa!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tomasoni (ka Laku jed'ani) waan wahela ufitiini jed'e, Beena, nuleeni iyaana, aka isa woliini doonu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Toomas (ka Lakkuu jedhan) waaheela ufitiin, “Beennaa, nulleen inyaanaa, akka isa waliin doonu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf Toomaas ka Didimoos jedhamu goshoota ufii darasootaan, «Koottaa nullee dhandhee isa woliin duunaa» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaaf Toomaas ka Didimoos jedhamu goshoota isaa darasootaan «Koottaa nullee dhandhee isa woliin duunaa» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Diidimoos ka jedhame Toomaas barattoota kaaniiniin, «Isaan woliin akka duunuuf, nu'llee haa deeminuu» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Toomaasiin Didimoos jedhamu barattoota dhibi'iin, «Kowaa me nuutille dhandhee, barsiisaa woliin duunaa!» jedhe.