John 11:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maariyaamiin tun ta fiqiree miila Gootta'aatitti naxxee, rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxxe; Alaazariin dhibame sunille obboleessa isi'ii ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
(Mariamuni suni ta d'ad'a urgaa Aabbo dibde, miila isaa rifeensa mata ufiitini ira haat'e, ta oboleesi isii Lazaroni fayyad'abe.)
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Maariyaamiin sun ta dhadhaa urgaa Aabboo dibdee, miila isaa rifeensa mataa ufiitiin irraa haaxe, ta obboleessi isii Alaazaar fayyaadhabe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maariyaam ta Gooftaa Urgoo dibdee riffeensa mataa ufiitiin luka isaa haxxe. Obboleessi isi'ii Alaazaar dhibamee ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maariyaam ta Gooftaa Urgoo dibdee riffeensa mataa ufiitiin luka isaa haxe. Obboleessi isi'ii Alaazaar dhibamee ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maariyaamiin tun'llee miila Goofta'aa shittoo ta dibiddee fi rifeenissa mataa isi'iitiin'llee ta sukuumtteen turtte, Alaazaariin dhukkubsate'llee obboleessa isi'ii ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maariyaamiin tun ta fiqiree miila Gootta'aatitti naxxee, rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxxe; Alaazariin dhibame sunille obboleessa isi'ii ti.