John 11:33 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus booyiisa isi'iitii fi kolbaan isii woliin jirtulle attam akka booyiisatti jirtu yennaa dhagge, gadhaan isaalle gaddee, guddisee laaleffatee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni isiifi Yahudi ta isii gula d'ufte bootu arginaani, garaani isaa gubate lalefate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus isii fi Yihudii ta isii gula dhuftee boottu arginaan, garaan isaa gubatee laaleffate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus isiinii fi Yihuudonni isii woliin dhufan hennaa booyan argee uf keessatti gaddee biibbayee, «Eessa keettan?» Isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus isiinii fi Yihuudonni isii woliin dhufan hennaa booyan argeeti, uf keessatti gadde biibbayee, «Eessa keettan?» Isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus yoo isiin boottuu fi Yihudonni isii woliin dhufan'llee yoo booyan yeroo arigetti, hafuura isaatiin haalaan gaddee sarddamu'uun,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus bowiisa isi'iitii fi kolbaan isii woliin jirtulle attam akka bowiisatti jirtu yennaa dhagge, gadhaan isaalle gaddee, guddisee laaleffatee,