John 11:39 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Dhakaa irraa kaasa'a!” jedhee ajaje. Maartaan, obboleettiin nama du'ee, “Gootta'a, inni haga du'ee guyyaa afur tureera. Amma ajoweera!” jetteen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni, D'akha iraa gangalcha jed'e. Marthani, oboleeti namicha due suni, waan jetteeni, Aabbo, amma inajaa, haga due arra guyya afuri.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus, “Dhakaa irraa gangalchaa” jedhe. Maartaan obbooleetti namicha du'ee sun ammoo, “Aabboo, amma inaja'aa, haga du'ee ardha guyyaa afurii” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus, «Dhagaa irraa kaasaa'a!» jedhe. Maartaan obboleessi jalaa du'e, «Gooftaa kiyya! haga du'e guyyaa afur ta'eera, amma ajaayeera!» jetteen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus, «Dhagaa irraa kaasaa'a!» jedhe. Maartaan obboleessi isi'ii jalaa du'e, «Gooftaa kiyya, haga du'e guyyaa afur ta'eera, amma ajaayeera!» jetteen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Dhagicha kaasan!» jedhe. Obboleettiin du'aa Maaritaan, «Yaa Gooftaa! Eega du'ee guyyaa afurii ta'eenii jira, amma ni ajaaya» jetteen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Dhakaa irraa kaasa'a!» jedhee ajaje. Maartaan, obboleettiin nama du'ee, «Gootta'a, inni haga du'ee guyyaa afur tureera. Amma ajoweera!» jetteen.