John 11:41 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan dhakaa irraa kaasane. Achiin duuba Yesuus ol ilaalee, “Ee Abba'a, waan na dhageetteef, si galateeffadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba d'akha suni iraa gangalchani. Yesoni olmillate waan jed'e, Aabbo, galata sii deebisa, waan atini na d'ageetuufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba dhakaa sun irraa gangalchanii, Yesus olmillatee, “Aabboo, waan atin na dhageetuuf galata sii deebisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonnillee dhagaa awwaalaa irraa kaasan; Yesuus ija ufii ol kaasee, «Abbaa kiyya waan na dhageetteef si galatoonfadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoonillee dhagaa awwaalaa irraa kaasan, Yesuusillee ija ufii ol kaasee, «Abbaa kiyya waan na dhageetteef si galateeffadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni'llee dhagicha ni kaasan, kanaan duubatti Yesus gara olii laalee, «Yaa Abbaa! Waan ana dhageetteef si galateeffadha,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan dhakaa irraa kaasane. Achiin duuba Yesuus ol ilaalee, «Ee Abba'a, waan na dhageetteef, si galateeffadha.