John 11:42 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akka ati yennaa mara naa dhageettu ani hin beeka; ammoo kolbaan as dhaabbattu tun akka ati ana ergite akka dhugeeffattuuf tana jedhe” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle aka atini guyya ch'ufa na d'ageetu ani imbeekha, ammo maro gumi arma marsite ch'iiftu tanaafi anini waan kana jed'a, aka isiini aka atini na ergite d'ugefattu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka atin yo cufaa na dhageettu anin inbeeka, ammoo marroo gumii arma marsitee ciiftuu tanaaf anin waan kana jedha, akka isiin akka atin na ergite dhugeeffattu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa maraa akka na dhageettu hin beeka; haa ta'uu ammo akka ati na ergite akka amananiif banii as dhaabatu kanaaf dubbadhe» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa maraa akka na dhageettu hin beeka. Haata'uu ammoo akka ati na ergite akka amananiif banii as dhaabatu kanaaf dubbadhe» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
yeroo maraa'llee akka naaf dhageettu ni beeka, garuu kana ka jedheef, namoonni asi dhaabatan ati akka ana ergite, akka amananiif jedheeti» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka ati yennaa mara naa dhageettu ani hin beeka; ammoo kolbaan as dhaabbattu tun akka ati ana ergite akka dhugeeffattuuf tana jedhe» jedhe.