John 11:44 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Alaazarille harkii fi miilli isaa woyaa awwaalaatiin xaxamee, fuulli isaalle woya'aan maramee, gad baye. Yesuus, “Hiika'aatii lakkisa'a, deemuutii” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi due kaani boolaa bahe, ka woya awaalatiini harkafi miili wolti hid'aansa qabu, ammalle fuula isaa bututuuni hid'ani. Yesoni waan worraani jed'e, Iraa hiikha, ha deemuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namichii du'e kaan ka wayaa awwaalatiin harkaa fi miilii walti hidhaansa qabu, ka ammallee fuula isaa bututuun hidhan, boollaa ba'ee, Yesus warraan, “Irraa hiikaa, haa deemuutii!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Alaazaar akkuma harki isaatii fi lutti isaa sattarametti baye. Fuullillee akkuma woya'aan marametti jira. Yesuus, «Hiika'aatii gad dhiisaa'a haa deemuu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Alaazaari akkuma harki isaatiif lutti isaa sattarametti baye. Fuullillee woya'aan akkuma marametti jira. Yesuusillee, «Hiika'aatii gadi dhiisaa'a haa deemuu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Alaazaariin du'e harkaa fi miilli isaa'llee wonittoota ittiin kafanamaniin akkuma kafanamanii jirantti awwaala keessaa ni baye, fuulli isaa'llee akkuma subbeen itti marameen jira ture, Yesus'llee, «Hiika'aatii dhiisa'aanii haa deemuu!» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Alaazarille harkii fi miilli isaa woyaa awwaalaatiin xaxamee, fuulli isaalle woya'aan maramee, gad baye. Yesuus, «Hiika'aatii lakkisa'a, deemuutii» isaaniin jedhe.