John 11:47 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre moototi hayyootatii fi Fariisaayoti kora murti'ii waamanee, “Bilbaasota namichi kun hujiisatti jiru mara ilaala'a! Maan goona?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi qaalole gugurdofi Farisayooni jaarole kora korte waan jette, Nu maani taana? Namichi kunini akheekha heddu tolcha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan qaallollee gugurddoofi Fariisotii jaarrollee koraa walitti yaamtee, “Namichii kunin akeeka hedduu tolchuu jiraa nu maan taana?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa bulchoonni gadootaa gumii Fariisotaa wolitti qabanii, «Namni kun Maalalee hedduu waan godha'aaruuf maal haa goonuu?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa bulchoonni gadootaa gumii Fariisotaa wolitti qabanii, «Namni kun Maalalee hedduu waan godha'aaruuf, maal haa goonuu?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Farisonni miseensota yaa'ii wolitti qabanii akkana jedhan, «Naminni kun baasota baayi'ee waan raawwatuuf, maal yoo raawwanne woyyaa?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre sooreyyiin hayyootaatii fi Fariisaayoti kora murti'ii waamanee, «Bilbaasota namichi kun hujiisatti jiru mara ilaala'a! Maan goona?