John 11:49 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan keessaa nami tokko, ka Qayyaaffaa jedhamu, ka woggaa san hayyuu guddaa te'eeru, “Isin ijjumaa wo hin beettanu;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo namichi isaani toko, ka Kayafa jed'ani, ka ganna suni qaallicha gudda, waan worraani jed'e, Isani woma imbeetani;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namichii isaanii ka Qayyaafaa jedhan tokko, ka ganna sun qaallicha guddaa ammoo, “Isan homaa hinbeettan;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Woggama san bulchaan gadootaa Qayyaaffaan, «Isin womaa hin beettan;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Woggama san bulchaan gadootaa Qayyaaffaan, «Isin womaa hin beettan;
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu isaan keessaa tokko woggaa san keessa itti gaafatamaa qeesotaa ka ture Qayyaafaan akkana ni jedhe, «Isin womaayyuu hin beekittan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan keessaa nami tokko, ka Qayyaaffaa jedhamu, ka woggaa san hayyuu guddaa te'eeru, «Isin ijjumaa wo hin beettanu;