John 11:51 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni ifi keessaa fuudhee tana hin jenne; woggaa san hayyuu guddaa waan te'eef, Yesuus kolbaa Yihudi'iitiif akka du'aaru raage.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan suni qalbi ufiitini injenne, ammo waan ganna suni qaallicha gudda taheefi, aka Yesoni gosaa duu fage.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii waan sun qalbii ufiitiin hinjennee, ammoo waan ganna sun qaallicha guddaa ta'eef, akka Yesus gosaa du'u fage.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kana inni ufiin hin dubbanne, haa ta'uu ammo baruma san bulchaa gadootaa waan tureef, Yesuus bani'iif du'uu raaga dubbate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kana inni ufiin hin dubbanne, haata'uu ammoo baruma san bulchaa gadootaa waan tureef, Yesuus bani'iif du'u raaga dubbate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee kana ka dubbateef ufi irraa burqisiisee hin turre, garuu woggaa sanitti inni itti gaafatamaa qeesotaa waan tureef, Yesus waayee ummataatiif du'uun isaan waan malu ta'uu yoo muldhisu, raaga kana dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ifi keessaa fuudhee tana hin jenne; woggaa san hayyuu guddaa waan te'eef, Yesuus kolbaa Yihudi'iitiif akka du'aaru raage.