John 11:54 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf Yesuus Yihudaa keessa ifaataan deddeemuu hin dandeenne; ammoo achi lakkisee gara qachaa Efireem jedhamuu, ka goomole'een dhikoo jiruu dhaqee, barattoota ifii woliin achi bubbule.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi eegi suni Yesoni deebie Yahudi dura diidati imbaanne, ammo achi deeme, d'aatu lafa alo, dira toko ka Efraimu jed'ani keesa, jara ufi woliini tae.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf eegii sun Yesus deebi'ee Yihudii dura diidaatti hinbaanee, achii deemee, dhaattuu lafa alloo, dira tokko ka Efreem jedhan keessa, jara ufii waliin taa'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Yesuus addaataa Yihuudii wodhakkaa hin deddeebine. Haa ta'uu ammo achuma gara lafa udume'ee bira gara qachaa Efreem jedhamtuu deemee darasoota ufii woliin achuma taa'e. Faasikaan Yihuudotaa dhiyaatee ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa Yesuus addaataa Yihuudii wodhakkaa hin deddeebine. Haata'uu ammoo achuma gara lafa udume'ee bira gara qachaa Efireem jedhamtuu deemee darasootuma ufii woliin achuma taa'e. Faasikaan Yihuudotaa dhiyaatee ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achii asitti Yesus Yihudota jidduu ifaan hin dedeebine, garuu achii bayee gara bakka gammoojjii bira jirttu, gara magaalaa Efreem jedhamttuu ni deeme, achitti barattoota isaa woliin ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf Yesuus Yihudaa keessa ifaataan deddeemuu hin dandeenne; ammoo achi lakkisee gara qachaa Efreem jedhamuu, ka goomole'een dhikoo jiruu dhaqee, barattoota ifii woliin achi bubbule.