John 11:56 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan Yesuus barbaadiisatti waan jiranuuf, Galma Waaqaa keessa dhaabbatanee, “Maan isinitti fakkaatti? Inni gara jilaa hin dhufu, hin dhufaa?” jedhanee wol gaafatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Yeso barbaadani woldubbatani, Mana Waaqa keesa ejaanjani waan woliini jed'ani, Maani seetani? Waan inni jila d'ufu seetu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii duuba Yesus barbaadee, mana Waaqaa keessa ejaajjee, “Maan seetan? Waan innii jila dhufu seetuu?” waliin jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan Yesuusiin barbaada'aa turan. Mana woyyuu keessa woliin dhaabatee, «Maal isinitti fakkaataa? Inni gara ayyaanaa hin dhufuu laata?» Woliin jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan Yesuusiin barbaadaa turan. Mana woyyuu keessa woliin dhaabatee, «Maal isinitti fakkaataa? Inni gara ayyaanaa hin dhufuu laata?» Woliin jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee Mana Waaqeffanna'aa keessa dhaabatanii dhufaatii Yesusii ni eeggatan waan tureef, «Maal yaadan? Gara ayyaanaa waan dhufu isinitti hin fakkaatu moo?» jedha'aa ufii isaaniitii wol ni gaafatan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan Yesuus barbaadiisatti waan jiranuuf, Galma Waaqaa keessa dhaabbatanee, «Maan isinitti fakkaatti? Inni gara jilaa hin dhufu, hin dhufaa?» jedhanee wol gaafatane.