John 11:57 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Moototi hayyootaatii fi Fariisaayoti akka isa qabiisa dande'anu, nami addee Yesuus jiru beeku yoo jiraate, akka himu ajaja kennaneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaalole gugurdofi Farisayooni qara seera baafte waan jette, yo nami fulla inni jiru beekhu jiraate ha nuti himu, aka qamnu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaallolee gugurdoo fi Fariisotii qaraa Yesus qabuuf, “Namii fulaa innii jiru beeku yo jiraatee ha nutti himuu” jettee ajajaa dabarsite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchoonni gadootaatii fi Fariisonnillee qabu'uuf hulee inni jiru namni beeku yoo jiraate akka isaanitti mudhisu ajajanii turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bulchoonni gadootaatii fi Fariisonillee qabu'uuf hulee inni jiru namni beeku yoo jiraate akka isaanitti mudhisuuf ajajanii turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Fariisonni Yesusiin qabu'uuf akka danda'an, bakka inni jiru naminni beeku yoo jiraate akka isaanii akkeekuuf, nama maraa ajajanii jira ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sooreyyiin hayyootaatii fi Fariisaayoti akka isa qabiisa dande'anu, nami addee Yesuus jiru beeku yoo jiraate, akka himu ajaja kennaneeran.