John 11:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, “Me gara biyya Yihuda'aa deebinee dhandha” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi guyya suni inni waan jara ufiitini jed'e, Beena, lafa Yudeati dachaana.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan eegii sunii Yesus jara ufiitiin, “Ka'aa ammallee gara lafa Yihudaa dachaanaa!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa darasootaan, «Gara Yihuuda'aa haa deemnuu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa darasootaan, «Gara Yihuuda'aa haa deemnuu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti barattoota isaatiin, «Gara arddii Yihuda'aa deebinee haa deeminnu» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, «Me gara biyya Yihuda'aa deebinee dhandha» jedhe.