John 12:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barattooti isaa jalqaba irratti kana hin hubanne; Yesuus gara ulfinnaa ol fudhatameen duuba ammoo, isaan Barreeffam Woyyichi marroo isaatiif akka kana jedhee fi isaanille kanuma akka isaaf godhane qaabatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kana jari isaa gaafasi inhubanne; ammo eegi Yesoni guddinna ufiitini gubbaati gale, aka t'aafiini tuni waan isaa dubbate, ammalle aka waan kana isaa tolchani qaabatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan kana jarii isaa gaafasi hinhubanne; ammoo eegii Yesus guddinna ufiitiin gubbaatti olgale, akka barreessiin tun waan isaa dubbatte, ammallee akka waan kana isaa tolchan qaabate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Darasoonni waan kana dura hin hubanne, haa ta'uu ammo haga Yesuus kabajjameen maayii hennaa san kun waan isaatiif akka barreeffame kana akka isaa godhan qaabatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Darasonnillee waan kana dura hin hubanne, haata'uu ammoo haga Yesuus kabajjameen maayii, hennaa san kun waan isaatiif akka barreeffame kana akka isaa godhan qaabatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barattoonni isaatiif'llee jalqaba wonitti kun isaaniif hin galle ture, garuu yeroo Yesus ulfinnaan gara samii ol bayetti, wonitti kun waayee isaatiif akka barreeffamee fi isaaf akka taasise ni yaadatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barattooti isaa jalqaba irratti kana hin hubanne; Yesuus gara ulfinnaa ol fudhatameen duuba ammoo, isaan Barreeffam Woyyichi marroo isaatiif akka kana jedhee fi isaanille kanuma akka isaaf godhane qaabatane.