John 12:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kolbaan yennaa inni Alaazar awwaala keessaa waamee du'aa kaasu Yesuus woliin jirtu waan te'e dhugaa bayaa turte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumiini ta gaafa inni Lazaro awaala keesaa yaame duisa keesaa kaase isa woliini jirtu taani waan gaafasi agarte ch'ufa odeesite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gumiin gaafa innii Alaazaar awwaala keessaa yaamee, du'a keessaa kaase isa waliin jirtu taan, waan gaafasii agarte cufa haasofte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Alaazaariin awwaala keessaa waamee worra du'an keessaa hennaa isa kaase, worri isa woliin turee hin rageef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Alaazaariinillee awwaala keessaa waamee worra du'an keessaa hennaa isa kaase, worra isa woliin turee hin rageef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus Alaazaariin awwaala keessaa yeroo isa waamee fi du'aa yeroo isa kaasetti, worri woliin ni jiran turan marrinuu, waayee Yesusii ragaa ni bayan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan yennaa inni Alaazar awwaala keessaa waamee du'aa kaasu Yesuus woliin jirtu waan te'e dhugaa bayaa turte.