John 12:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus itti dabalee, “Amma lubbuun tiyya rakkatteerti, ani maan jedha? ‘Abba'a, yennaan tun akka anatti hin dhunne oolchi jedha moo?’ Akkas akka hin jenne yennaa rakkinnaa tanaaf dhufe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Garaani kiyya ammatana herega gaargala qaba anini maani jed'a? Aabbo, gaargala kana keesaa na baasi jed'a? Hiyyo. Ammo maro gaargala kanatifi anini guyya kana gahe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Garaan kiyya ammatana herrega gaargalaa qabaa anin maan jedha? ‘Aabboo, gaargala kana keessaa na baasi!’ jedhaa ree? Hiyyoo. Mar. roo gaargala kanaatiif anin guyyaa kana ga'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Amma lubbuun tiyya raafamte maal jedhalle'e? ‹Abbaa kiyya hennaa tana jalaa na oolchi jedha moo?› kana akka hin jenne ammo, ani wonti dhufeef rakkoo tanaaf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Amma lubbuun tiyya raafamte maal jedhalle'e? ‹Abbaa kiyya hennaa tana jalaa na oolchi jedha moo?› kana akka hin jenne ammoo, ani wonti dhufeef rakkoo tanaaf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Kunoo, lubbuun tiyya sarddamittee jirtti, maal haa jedhu? ‹yaa Abbaa! Saa'aatii kana jalaa ana baasi haa jedhu ree?› Kana akka hin jenneef garuu, ani ka dhufeef saa'aatii rakkinnaa tanaaf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus itti dabalee, «Amma lubbuun tiyya rakkatteerti, ani maan jedha? ‹Abba'a, yennaan tun akka natti hin dhunne oolchi jedha moo?› Akkas akka hin jenne yennaa rakkinnaa tanaaf dhufe.