John 12:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Abba'a, maqaa keeti ulfeessi!” jedhe. Achiin duuba qoonqoon ol gubba'aa dhuttee, “Ulfeesseera, ammalle hin ulfeessa” jette.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aabbo, maqa kanke guddisi! jed'a. Jennaani qonqooni toko gubbaa d'ufte waan jette, Anini yayu guddise, ammalle iti deebie guddisa jette.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Aabboo, maqaa kankee guddisi!” jedhe. Jennaan qoonqoon tokko Waaqaa gubbaa dhuftee, “Anin yaayyuu guddisee, ammallee itti deebi'ee guddisa” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbaa kiyya! Maqaa kee kabajji!» jedhe. Kanaaf, «Kabajjeera, akkasuma hin kabajjaanille'e» laagaan jedhu sami'ii dhufe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abbaa kiyya! Maqaa kee kabajji!» jedhe. Kanaaf, «Kabajjeera, akkasuma hin kabajjaanillee» laagaan jedhu sami'ii dhufe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa Abbaa! Maqaa kee kabajiin!» Kanaan duubatti, «Maqaa kiyya kabajeenii jira, akkuma kanaan'llee ni kabajaan!» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abba'a, maqaa keeti ulfeessi!» jedhe. Achiin duuba qoonqoon ol gubba'aa dhuttee, «Ulfeesseera, ammalle hin ulfeessa» jette.